14/05/2026
Daa'imti Afrikaa Haroo jedhamtu Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruu Ganda Qanxichaa kan jiraattu sababa maatiin dirqamaan nama isiin hin barbaanneef kennuufi tureen baqattee heerumtus humnaan nama isiin fedhii ifiitiin heerumte jalaa fuudhuun haadha manaa 3ffaa taatee akka heerumtuuf nama isiin dura baqattee jalaa heerumteef kennanii turan ergasii isiin baqattee nama ifiin heerumtetti deebitus yeroo gara garaatti qaamni gara garaa caasa mootummaa dabalatee jalaa fuudhaa turuun isaanii ni beekkama. Dhuma irratti filannoo dhabdee jennaan dahoo seeraa barbaacha baqattee Waajira Poolisii aanaa Sabbaa Boruutti galtus, haala baay'ee nama gaddisiisuufi qaanessuun Bulchiinsi aanaa Sabbaa Boruu, Waajirri Poolisii aanaa Sabbaa Boruufi Waajirri abbaa alangaa aanaa Sabbaa Boruu woliin ta'uudhaan adoo isiin iyyitee watwaattuu halkan sa'aatii 1-2 jidduutti maatii duraanuu miidhaa isii irraan gahaa tureefi isiin himachuufi dhuftetti deebisanii turan.
Maatiin ergasii akka isiin namicha isaan barbaadanitti deebituuf dhiibbaa irratti godhanus, isiin tole jechuu hin dandeenne.
Kanuma irraa ka'uudhaan humnaan itti deebisuudhaaf jecha isiin qabdu irraa baasuudhaaf guyyaa har'aa ganamaan dirqamaan qabanii nyaachisanii turan.
Isiinis sababa kanaan gaggabdee ooltee gara galgalaa kana kan bayyanatte yoo ta'u
Qaamni dhimmi ilaaluufi dhaabbileen namoomaa marti lubbuu isii baraaruufi carraaqii barbaachisaa akka godhu gaafachaa
Yoo isiin duutee ykn yoo ulfi sun irraa baye, qaamonni asiin olitti maqaan dhahameefi Waajirri dhimma daa'immaaniifi dubartootaa aanaa hanga Godinaa jirus qooddatoota yakka kanaa akka ta'e ibsaa
Yaamicha namoomaa kana goona
Keessattuu Worri dahoo seeraa jalaa fuudhee intala tana rakkoo akkanaatti saatii hojii mootummaatiin ala kenne, addatti gaafatamtoota seeraa akka ta'u ibsaa qaama dhimmi ilaallatu woliin rakkoo kanarratti cimsinee hojjanna.
Namaafi yaaduuf nama ta'uun qofti gahaa
Cubbuu akkanaa dhaggaa ca